(Madda Oduu ABO/MOA/Ebla 1, 2009) Yunversitii Amboo fi kolleejjota dhuunfaa naannoo Amboo keessaa kan baratan barattootni Oromoo dhiheenya kana walitti dhufanii dhimma QBO irratti mari’achuun ibsa ejjennoo baafatan.
Maadhelee adda addaa jalatti gurma’anii socho’aa kan jiran barattootni Oromoo dhaabbata barmootaa olanaa Amboo kunniin ibsa ejjennoo baafataniin, tokkummaa barattoota Oromoo maraa daran jabeessuun QBO ABOn durfamu galiin ga’uuf waan danda’an jabinaan akka hojjetan waadaa seenan.
Ummatni Oromoo sabboontota Oromoo mana hidhaa wayyaanee keessatti gidirfamaa jiran waan danda’aniin akka gargaaranis waamicha godhaniifii jiran. Dhaabotni Oromoo walabnii fi bilisummaa Oromoof qabsa’an hundi dhimma QBO irratti waliin hojjechuu akka qabanis yaadachiisaniiru.
Dhuma irratti barattootni Oromoo Yunversitii fi Kolleejjota dhuunfaa naannoo Amboo gumaa qabsaawota Oromoo bilisummaa Oromoo argamsiisuuf wareegamanii baasuuf, ummata Oromoo qabsootti si’eessanii, waliin qabsaa’uuf murteeffachuu isaanii beeksisan.
Mootummaan Wayyaanee Olola QBO ABOn durfamu irratti oofu itti fufuun, ammas diraamaa dharaa qindeessee qilleensatti baasuuf qophii xumurachuu isaa maddeen saaxilan.
Maddeen amanamoon akka saaxilanitti sirni Wayyaanee namoota fayyaaleyyii siyaasaa irraa quba hin qabnee mallaqaan bituunii fi gantoota qabsoo sabaa keessaa baqatanii harka itti kennata walitti guuree diraamaa dharaa irraa tolchee miidiyaa isaa ololaaf dhaabbattetti gad baasuuf qophii xumurateera.
Odeessi gola Wayyaanee keessaa bahe kun akka saaxilutti diraamaa dharaa ummata Oromoo abdii kutachiisuuf hojjatame kana keessatti namoonni hedduun maaallaqaan bitamanii hirmaataniiru.
Namoonni maallaqaan bitaman kunniin akka waan miseensota WBO turanitti leenjii humnoota tikaa Wayyaanee irraa kennameefiin fiilmii gola Wayyaanee keessatti oomishame kana keessatti akka hirmaatan oduun kun ni saaxila.
Diraamaan QBO irratti fuulleffate haaraan kunis itti fufuma diraamaalee dharaa kanaan dura ABO irratti qindaawaa turani ta’uu kan akeekan maddeen amanamoon, ummanni Oromoo olola rakasaa Wayyaanee kanaan osoo hin afan-fajjawiin qabsoo isaa jabeessee akka itti fufu dhaaman.
MOA